A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 07.19.21

Oromo News 07/19/2021

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Manneen barumsa Nebraska keessati barataan tokko nama Covid-19 qabame waliin yoo kan wal arguu adda baafame akka taau seeru jedhu ogeeyyota manneen fayyaa naanicha fi Federal akka walitti buusise himan.

State Department kan Fayyaa fi Human Service ammo akka mana barumsaati himanitti barattooni nama corona virus qabame wajjiin yoo kan argamanii addaa baafamani taau hin qaban hanga malattooni irrati mulatuti jedhani jiru.

Garuu CDC akka jedhetti barattooni talaali corona virus hin fudhatin fi nama qabame waliin walitti dhufeenya dhiheenya kan qaban  yoo tae adda bafamani taau qaban jedhan.

Woodbury County keessati namni amma qabame percent jiruu 2% torbaan darbe keessa akka tae himan. Counties Siouxland baayyini isaa percent wayta kaahamu namni qabame zero akka tae himan.

Department barumsa kan South Dakota manneen barumsa keessati medical marijuana akka hayyamamu yaali lammafaa godheen milkaahe jira.

State seera waggaa darbe baheen qophii medical marijuana irrati dalaguuf qophaaha ture. Garuu program kana irrati wayta garii waae hin taane irati argani jiru.

Obboleessa isaa kan dingata ajjeese bakka Adventureland keessati mallattoota waan san sirreeesu xiqqoo arguu jiraachu isaani himan.

Abukaaton warraa akka jedhanitti umrii 16 kan tae David Jaramillo Jr. bakkaa sodaachisa keessa akka turuu himan, garuu haali arguu waan dabalaa deemu jiruuf beekamtii fi deebi kennuu akka dandau himan.

Haatu malee, mucaa xiqaan kun waa yaadachuu dadhabuu fi nyaani daakamuu dhabuu isaati akka rakkataa jiru himan.

Medical update kun kan dhufees erga torbaan tokko darbe wayta yaadanno mucaa duaa kan waggaa 11 tae Michael Jaramillo bakka Raging River Ride irrati erga tae booda akka tae himan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Oromo News 07/16/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.Jiraattoni hundi isaanu dalagaa dalaguuf…