A Station for Everyone
Play Live Radio
Next Up:
0:00
0:00
0:00 0:00
Available On Air Stations

Oromo News 05.12.21

Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya.

Governor Kim Reynolds akka jetteti state Iowa garee Republican kan hojattootaf sababa dhukuba kanaa birraa isaani dabalu keessa akka seenu heddu himte.

Reynolds akka jetteti ol kaa’insaa federal  kan fixu ta’a, birria hoji dhabdoota torbaan nitti $300 kennamu dabalate.

Reynolds akka jetteti birrin kun akka ummani dalagaati hin deebine dhoogu jira fi dinaagdee state illee akka gad buusa jiru himte.

Faayidaaleen kunis June 12 kan sutu ta’a.

Guyyaa har’a governor state 19 irraa, state Siouxland sadiin dablatae, President Joe Biden “walitti buiinsa Southern border” tarkaanfi daddafi akka irrati fudhatu xalayaa yaamaicha godhanniifi jiran.

Akka isaan jedhaniti lakkoofsi baqqattoota wagga 20 kana keessati baayye kan guddate akka taeefi rakkoo tan xiqqeesani laalu akka hin qabne himan.

Sioux City Community School board har’a akka waliigaltee barsiisotaa fi hojattoota achi keessa irraa gahani jiru.

Barsiisooni Bachelor’s degree qabaniif kaffalti $540 akka dabalu himan. Kaffaltiin jalqaba barsiisota Sioux City dhaaf $43,000 ol akka tae himan.

Kafaltii fi  daayidaa dabalatee qarqaba waliigala irrati parsantii 2.4% dhaan akka dabalee jiru himan.

Deparmantiin mana fayyaa Iowa akka gabaasanitti namni haarawa sababa corona virus kan due akka hin jirreefi namni haarawa qabame ammo 300 akka tae himan, Woodbury County keesati nama baaye dablate.

Deparmantiin mana fayyaa Dakota akka gabaasaniti talaali corona virus clinic keessati  kennuudhaf guyyaa sanbata irrati akka karoorftani jiran himan. Namni talaali jalqabaafi kan lamaffaa College Center South Sioux City keessati seaati 10a.m irraa hanga galgalaati akka fudhachuu danda’an himan.

Fatiya has worked for Mary J. Treglia Community House since 2013. She enjoys working at MJTCH because the work she does is life changing. Fatiya has pursued a degree in Early Childhood Education and has recently found a passion for immigration and refugee services. Fatiya has many hats at Mary J. Treglia Community House, and she speaks 4 different languages! Immigrating as a refugee from Ethiopia herself, she knows the struggle that people face when entering a new country.
Related Content
  • Oromo News 05/10/2021Akaam, galatoomi caqasuu dhaaf, kuni Oduu Siouxland Public Miidiyaa Oromiffan Anii Fatiya. Lakkoofsi nama Covid-19 qabamu State…